Saturday 16 March 2013

Seenaa Jeneraal Taaddasaa Birruu

  Jeneraal Taaddasaa Birruu nama magaala ifaa yommuu ta'u yeroo dubbatu jarjara tokko malee nama yaada isaa namaaf ibsu ture.jeneraan taaddasaan dhalootni isaa kutaa shawaa kaabaa konyaa salaalee aanaa hidhabuu abootee ganda(araddaa) siree jedhamtu keessatti bara 1913 dhalate.abbaan isaa obboo birruun nama qonnaan bulaa ta'ee beekamu yennaa ta'u dirree waraanaa irrattis nama beekamaa ta'uu isaa seenan gabaasee jira.

Akkuma beekamutti bara lola xaaliyaan akkuma duuletti dirree waraanatti kan hafe fii kan wareegame yennaa ta'u haati mana isaa jechuun harmeen taaddasaa birruu otuu gadda abbaa mana ishee irra jirtuu rasaasa warana xaaliyaani fii warana biyya ethiopiatin walitti dhukaafamaa jiruun rukutamtee sababa duutef taaddasaan sababa waraana xaaliyaanin abbaa fii haadha isaa dhabuun akka malee waan isa gaddisiisef xaaliyaan irratti duuluf bosona seene.